Get Mystery Box with random crypto!

Ilmaan Oromoo waamicha AO ABO~WBO dhaga'uun gara mooraa qabsoo | Magarsaa Qilxuu

Ilmaan Oromoo waamicha AO ABO~WBO dhaga'uun gara mooraa qabsoo WBO geggeessutti makamaa jirtan kabaja qabdu.

Hagayya 31/2022

Ilmaan Oromoo waraana mootummaa Garboomfataa pp keessa jirtan acuuccaafi gidiraa sabni Oromoo argaa tureefi itti jiru hubachuun akkasumas adaba, hidhaafi arrabsoo sanyummaa hanga ajjeechaa lubbuutti Waraana mootummaan isinirratti xiyyeeffate balfuun saba keessaniif loluuf xiiqeffattanii qabsoo hiree murteeffannaa WBO taasisaa jirutti kanneen makamaa jirtan seenaa gurraacha jalaa of baaftaniittu.WBOs simannaa Addaafi kabaja obbulummaan isin keessummeessaa jiraachuus isiniyyuu ragaa ni baatu.Lola kaaba impaayera biyyattii keessatti eegalee jiru keessatti ilmaan Oromoo dura hiriirsuun boodammoo humna Finxaaleyyii faannoon lolatti ittisuun kanneen duuba siqan rashanaa jiraachuun yeroo garaa garaa keessatti dubbatama.Miidhamni keessan miidhama keenya jechuun WBO yeroo adda addaatti waamicha obbolummaa isiniif taasisaa jira.Kunis dhimmi Oromoofi Oromiyaa ilmaan Oromoo qaroo sabaaf arguu qaban hunda waan ilaallatuuf. jaarmiyaan ABO~WBO gatii guddaa Saba isaaf kaffalaa jirutti makamuun hiree ummata Oromoo akka murteessitaniif Waamicha QBO biraa isiniif darbee jiru dhaga'uunis kallattii qabsoo keessaniifi meeshaa keessan gara Walabummaafi Bilisummaa Oromootti akka deeffattan ammas jabeessinee isin hubachiifna.Carraa Waamicha ooggansi WBO isiniif taasisee jirutti akka fayyadamtanis isin yaadachiisuu barbaanna.yeroo isiniif mijatutti qunnamtii keessan tolfachuun jumulaanis ta'e muraasa muraasaan akka of baraartan jabeessinee isiniif dhaamna!
Kanneen WBO tti makamuun isinitti ulfaatus Saba keessan loluurra galtanii maatii keessanitti akka makamtan isiniin jenna.

Uummanni Oromoos Lola ijibbaataa WBO itti jiru jabeessuun waan qabdaniifi waan dandeessaniin bira dhaabbattanii cunqursaa sirna impaayeraan baraan isinirratti aggaamamaa jirutti xumura akka gootan jabeessinee dhaamsa dabarsina.Lolichi Lola Xummura garbummaati.

Gadaan Gadaa xummura Garbummaat