Get Mystery Box with random crypto!

Oduu gaddaa Magaalaan naqamtee ammas dhiiga ilmaan ishee aarsa | Kello Media

Oduu gaddaa
Magaalaan naqamtee ammas dhiiga ilmaan ishee aarsaa kafalaa jirti.Suuraan asii gad agartan kun ilmaan oromoo ,oromummaa isaaniin yakkamanii mana hidhaa waajjira tikaa ykn dehininnetii magaalaa naqamtee keessaa baafamanii kan rashanaman dha.
Taateen kun gaafa guyyaa 13/10/2014 halkan sa'aa 2:00 irratti mana hidhaarraa baasuun gullisoo maqaa addaa bakka kireecharii jedhamutti geeffamuun rashanaman.Gullisoon wallagga bahaa aanaa waayyuu tuqaa fi sibuu siree daangessa.
Bakka kanatti torban lamaa asitti kana ajjeefamanii gataman namoota kudha tokko gahaaniiru.
Namoota achitti geeffamanii ajjeefaman keessaa ammatti kan barame abbaa shamizii iskuweerii yennaa ta'u maqaan isaa Waalelliny Eeleyaas ( Maammush Eeleyaas ) jedhama.Inni moggaa garasii irraa mul'atu ammoo nama magaalaa siree irraa dhufe ta'uutu himamaa jira .warri beektan adda baasaatii beeksisaa.
Maammush Eeleyaas gaafa 02/10/2014 buufata awutoobisii fuulduratti baajaajii keessatti namuma nagaan karaa isaa deemaa jiru qabatanii reebaa hidhaatti galchan.Manni isaas sakatta'aamee harka isaarrattis osoo homtuu hin argamin dararaan hamaa eega irratti raawwatamee booda haadha manaasaa hidhanii isammoo baasanii ajjeesanii gatan.Maammusha abbaa ilma tokkooti.
Jarreen kun akka ajjeefamaniif murtii kan laatan hogganaa qajeelcha poolisii godinaa,hogganaa tika finfinnee gadii,hogganaa poolisii magaalaa,bulchiinsaa fi nageenya godinaa fi magaalaa ta'uu icciitii waajjira isaanii keessaa bahe nii addeessa.hoggantootni waajjira kanaa cufti itti gaafatamummaa jalaa hin bahaani