Get Mystery Box with random crypto!

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti namootni asiin | Kello Media

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti namootni asiin gadiitti waraana mootummaa nama nyaataa Raayyaa Ittisa biyyaa,Humna addaa Oromiyaa fi milishaa gandaa(humna dhiitee kufaa) waliin ta'uun uummata aanichaa maqaa isin deggertoota shaneeti jedhuun uummata aanichaa irratti yakka suukaneessaa raawwachuun namoota beekamaniidha.
1. Jamaal Huseen- Bulchaa aanaa
2. Haftee Ittafaa- I/G/Nageenyaa
3. Moosisaa shifarraa- I/G/badhaadhinaa
Yammuu ta'an jarreen kun bara 2018 irraa eegalanii akka aanichaatti waraana mootummaa waliin wal ta'uun adda durummaadhaan namoota aanichaa irratti yakka suukaneessaa raawwataa turuu isaaniitiif uummatni aanicha keessa jiraatu marti ragaadha. Yakka namootni kun waraana biltsiginnaa dura bu'uudhaan uummataa aanichaa irratti raawwatan keessaa muraasni kan armaan gadiiti:

# Maqaa isin deggertoota shaneeti jechuun namoota nagaa hojjettoota mootummaa,daldaltoota,qotee bultootaa fi jiraattota magaalaa fi baadiyyaa aanichaa mana jireenyaa isaaniitti waraana itti geessuun ajjeesisuu.
# waraana fayyadamuudhaan Manaa fi qabeenya jiraattota aanichaa gubsiisuu akkasumas saamsisuu.
# Maqaa isin deggertoota shaneeti jechuun hojjettoota mootummaa dabalatee jiraattota aanichaa hedduu ta'an qe'ee isaanii irraa godaansisuu fi bakka itti baqatanitti hordofsiisuun ajjeessisuu.
# Namoota nagaa hidhaadhaan dararuu,waraanaan mana namootaa irra deemuun dararuu fi sodaachisuu.
# Maqaa deggertoota shaneeti jedhuun erga hiisisanii booda mana hidhaatii baasanii bosonatti geessanii ajjeesisanii gatuun reeffa namoota nagaa bineensa nyaachisiisuuu. FKN Luba waldaa Makkaana Yesuusii Ganda Jogee Badhaasoo Luba Ittafaa Takkatuu fi Dargaggoo Damee Elsayii Ganda Ganjii Qeebbee kan ta'e akkasumas dargaggoota maqaan isaanii hin beekamne gandoota biraa irraa dhoksaadhaan fidanii hidhaman baayinaan namoota saddeet(8) ta'an mana hidhaa waajjira poolisii Magaalaa Qeebbeetii baasanii ajjeesisuu isaaniitiif ragaan hawaasa keessaa dhaga'amu qabatamaan akka jiru mikaneefamee jiraachuu.
Lubbuu namoota garmalee balleessitaniif qabeenya namoota nagaa ibbidaan gubsiiftaniif tarkaanfiin madaalawaa akka isinirratti fudhatamu quba qabaadhaan dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromooti .