Get Mystery Box with random crypto!

Uffata daaree dheebodhee Hagabee ani lubbuu dhabee Fira lagate | Kello Media

Uffata daaree dheebodhee
Hagabee ani lubbuu dhabee
Fira lagatee gaafas najibbee
Areera galaa naaf quudhuu dhabee
Muuxa kamiitu garaa laaffisee
Har'a boochisee?

Isiniin baanaa dhagayaa mee...
Yaa warra nyaqqisee dhara naaf booyuu
Imimmaan toohee gadda afaanii
Kagaraa keessaa hinqabne naatooyuu
Warra if'qolummaan doomsite
Qalbiidhaafi surriin dhamaayyuu
Arraamii gadduun fira ufiitii
Sinittiin himaa...
Ta arraa tun gubaala
Duraan hafte naasuun firummaa
Mataa keessanii
Jajuu dahachuu yoo taate malee
Naan gootu homaa

Dhukkubaan garaa itilleetti galee
If dadhabee anaa halawwatee ciisu
Guyyaadhaa silaa gargaarsi keessan
Ana feesisuu...
Isinirraa dhabe sihaa dhinsuu
Arra reefkakoorraa
Iyyuuf qaaquun keessan
Waa homaa naan hiiysu

Gammaddanii baga wal afeerrattani
Nan sababsatiinaa
Fanxasiyyaadha tun
Waywaata dharaatiin
Ciisa nan kutiinaa
Anaa hagabuun du'e
Deega sangaa gangalchuun
Naaf arraba qishnaa!

Walaloo: Abdii Qophee (Abdii Mohammad Yusuuf)
Yeedaloofi Wallisaan: Kadir Sa'id
Barreeffamatti kan jijjiire Diinaa'ol Abdulkariim!

Warra ajandaa mataa isaa sochoofachuuf jedhee, gaafa qabsaa'aan kufu fira fakkaatee boo'uufi warreen injifannoo WBO gaafa dhagahu mataa lafa keessa dhokfatee achi garagaluufi gaafa wareegama gootichaa dhagahummoo akka bofaa mataa lafa keessaa ol'luqqaafatee dubbatuuf fakkeenya tokko kun!