Get Mystery Box with random crypto!

Qabsoo oromoo galiin gahuuf ilaalchota farra warraaqsaa adda b | Kello Media

Qabsoo oromoo galiin gahuuf ilaalchota farra warraaqsaa adda baafachuun waan gaariidha. Siyaasni oromoo jaarraa tokkoo oliif maltee siyaasa alagaatiin golboobee galii isaa hanqataa as gaheera. Sana keessatti qabsaa'onni qaaliin oromiyaaf aarsaa kaffaluu hin dhiifne, cimee itti fufa! Sanaaf immoo ulee ta'ee kan jara tajaajile wallaalaa keenyadha. Wallaalaan keenya yeroo hunda of hin hubatu, afaan alagaan isa barsiiseen sirbeetu geerara, garuu hiika geerarsa sanii fi galtee geerarsichi saba isaa irratti qabu hin hubatu. Garboomfataan warraqsa uummataa ofirraa dhaabsuuf farroota warraaqsaa suma keessatti boceetu ittiin si sakaala. Farreen warraaqsaa kun walitti bu'insa amantii, gandaan wal qooduu fi k kfn fa'i. Qabsoo bilisummaaf taasifamu keessatti warraqsi ganda osoo hin taane biyyaaf taasifama. Warraaqaan biyyaaf aarsaa kaffala malee gandi bakka buutee isaa miti. Warraaqtonni bilisummaa amantaa dhuunfaa isaanii haa qabataan iyyuu malee qabsoo geggeessan keessatti amanticha sabichaan bakka buusanii hin qabsaa'an. Gaafa wareegaman illee wareegama amantaa fi gandaa hin keessummeessan, kan isaanii biyya! Deggertoonni qabsaa'ota immoo wareegama gootichaa akkaataa galtee diinota warraaqsaatti gandaa fi amantaatti geessuun dhamaatii qabsaa'otaa qilee nyaachisuun goolii gaarii of keessa calaasuudha. Oromiyaa jennee baanee gandaa fi amantaa jennee hin gallu!

Oromiyaan Biyya!
Guyyaa Gaarii!